Galmee Yakkaa Murtii A/Alangaatin Cufamuufii Bu’aa Seeraa Innii Hordoofsii Barruu Xinxala Seeraa



Qophessaan Barru kanaa

Obboo Abduselam Muhamed

Abbaa Alangaa

Qophessaan Barruu Kanaa Waajjira Abbaan Alangaa Godina Jimmaattii Ittii gaafatamaa waajjira A/A Aanaa Sigimoo Yommuu ta’an barruulee akka kanaa qorannaa seeraa irratti hundaa’ee qophessuudhaanifii waaajjira isaan hogganan sadarkaa kessa galchudhaan gumaacha ol’aana ta’e nama taphataa jiranidhaa.

download full pdf hear

Bu’uura Labsii lakk.214/2011, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf baheen aangoofi gahee hojii Mana Hojichaa gama qorannaa yakkaa gaggeessuu, qorannaa yakkaa hoogganuu fi Galmee qorannoo irratti bu’uura seeraatiin Murtii kennuun ifaan taa’ee jira . seera Deemsaa Falmii yakkaa biyya keenyaa jalatti gahee Abbaa Alangaa galmee qorannoo waliin walqabateee murtii kennuu akka danda’u .Akkasumaas JBAH dhimmoota yakka adda addaa irra deebiin qoratamee bahe jalattiis Gaheen abbaa Alangaa Galmee qorannaa yakkaa waliin walqabatee hojmaata ifa ta’een deeggaruun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuun Labsicha hojiirra oolchuuf taa’ee jira.
Gahee fi Aangoo Abbaa Alangaatiif seeraan kenname keessaa Galmee Yakkaa adeemsa qorannoo irra jiruu fi kan qorannoon isaa xumurame irratti murtii kennuun isa tokkoo dha. Galmeen qorannoo tokko mirga nama baayyee kan ofkeessatti hammatee dha . mirga nama yakkaan shakkamee, mirga miidhamaa dhuunfaa fi dantaa mootummaa ykn ummataa qabaachuu danda’a. kanaaf Xiyyeeffannaa guddaadhaan dhimma ilaalamuu qabu akka tahe hubachuun barbaachisaa dha.
Akka qajeeltootti Namni Yakkaan miidhamee fi Ummatni bal’aan tilmaamni sirrii isaan qaban namni yakka raawwate seeraaf dhiyaatee haqni akka bahuudha.Tilmaani kunii fi mirgi miidhamaa sababa shakkamaan seeraaf dhiyaatee himatamee haqni hin mirkanoofneef wanta caljedhamee bira darbamuu miti. mirgootni kunii fi Tilmaamni kunneen akka garee hundaafu qixa ta’eetti madaalliin isaa eegamuu qaba.1
Barreeffama qorannoo gabaabaa kanaanis galmee qorannoo cufuu fi bu’aa galmee qorannoo cufuun qaamolee kanneen irratti qabu ,ilaalchisee seera sakatta’uun hanqina jiru kan ilaallu ta’a.

Galmee yakkaa qorannoo irra jiruu fi qorannoon isaa xumurame bu’uura seeraatiin cufuun Aangoo fi gahee Abbaa Alangaatiif seeraan kenname ta’uun beekkamaa dha. Haa ta’u malee yeroo baay’ee Qabatama hojii keessatti kan beekkamu bu’uura S/D/F/Y keewwata 42(1a)tiin sababa Ragaa Gahaan himata dhiyessisu hin jiru jedhuun galmee cufuu dha. Akkasumaas Dhimmoota biroo galmeen qorannoo ittiin cufamu ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuuf sababa ta’an irratti hubannoon walfakkaataan hin jiru. Sababnisaas dhimmootni kunniin haala hunda hammatee fi Iftoomina qabuun seera deemsa falmii yakkaa amma hojiirra jiru keessatti kaa’amuu dhabuu dha. Akkasumaas Wixineen Seerri deemsa Falmii yakkaa fi ragaa yeroon mirkanaa’uu dhabuu irraa kan ka’ee fi Labsii 214/2011 mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa hundeessuuf bahe hojiirra oolchuuf Dambii fi qajeelfamni ifa tahe qorannoon yakkaa ittiin hogganamu bahuu dhabuun hanqinni seeraa gama kanaan uumamaa jira. waan ta’eef Barreeffama kanaan Gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii barbaaduuf Sakatta’insa seeraa gaggeessuun Hanqinoota seeraa xinxaaluuf Yaalla.
Gaaffiiwwan kunneenis ;

  • Galmee qorannoo cufuun ykn Himannaa dhiyeessuu dhiisuun maal akka ta’ee fi haalotni ykn ulaagaan seeraan tarraa’an galmee qorannoo cufuuf ykn himannaan akka hin dhiyaanne murteessuuf bu’uura ta’an maal akka ta’e haguuggii seeraa biyya keenyaa fi Muuxannoon biyyoota biroo ni ilaalama.
    • Faayidaa Ummataatiif jecha haalli galmee qorannoo yakkaa itti addaan citu fi himannaan itti hin dhiyaanne maal akka ta’e haguuggii seeraa biyya keenyaa fi Muuxannoon biyyoota biroo ni ilaalama.
    • bu’aan seeraa Galmee qorannoo cufuu ykn Himannaa dhiyeessuu dhiisuun hordofsiisu maal akka ta’e haguuggii seeraa jiru waliin ni ilaalama.
    • •Bu’aa Murtii A/Alangaa Galmee cufuun walqabatee qaamni murtii abbaa alangaatti hin quufne mirga akkamii qabaata. fkn miidhamaan dhuunfaa,Poolisiin,
websaayiitii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

websaayiitii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

Qorannoon kun Murtii Galmee qorannoo Yakkaa bu’uura seeraatiin cufuu Abbootii Alangaa ilaalchisee hanqinaalee gama seeraatiin jiran sakatta’ee adda baasuun Abbootiin alangaa dirqama isaan irraa eegamu haala kamiin bahuu akka qabanii fi deeggarsa mootummaan taasisuu qabu maal akka ta’e akeekuun hojiin haqa baasuu qulqullinaa fi saffina barbaadamuun akka hojjetamuuf gumaacha taasisa. Galmee qorannoo irratti murtii kennuu ilaalchisee hanqinaalee gama seeraa jiran qulqulleessuu fi furmaata hanqinaalee akeekuu dha.

Qorannoon kun adeemsa kaayyoo qorannoo armaan olitti tarreeffaman galmaan gahuu keessatti Galma Gahinsa sochii qorannoo yakkaa haqa baasuuf taasfamuu fi Faayidaa ummataa fi mootummaa kabajchiisuuf bu’aalee deeggaran ni gumaacha. Hanqinaalee seeraa keessatti mul’atan adda baasuun fi Hubannoo Walfakkaataa uumuun dandeettii raawwachiistummaa Abbootii Alangaa cimsuun, hojiin Qorannoo yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu haala qulqullina, fi dhaqqabummaa qabuun akkasumas haala amantaa uummataa horachuu danda’uun akka hojjetamu deeggarsa taasisa. Haaluma kanaan, hojiin gaggeessa qorannoo kanaa faayidaalee gama hojii qorannoo yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu akka Mana Hojii Abbaa Alangaatti hojjetamu ilaalchisee hubannoon jiru akka cimu gochuutti dabalee hanqina hog-barruu gama kanaan jiru dhiphisuu keessatti gahee guddaa taphata. 

Seerri qorannoon kun irratti xiyyeeffatu seera Galmee qorannoo yakkaa cufuu ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuu ilaalchisee sadarkaa biyya keenyaatti jiruu fi seera sadarkaa naannoo keenyaatti jiru kan ilaallatu sakatta’uu tahee qabatama Raawwii hojiirra oolmaa seeraa fi hojimaataa tokkoon tokkoo manneen hojii A/A Federaalaa fi Naannoo gadi fageenyaan kan xinxaaluu miti.

Qoranannoon kun mala qorannoo akkamtaa bu’uura godhachuun gaggeeffame. Seerota akka labsiilee, qajeelfamootaa, fi maanuwaalotaa, barreeffamoota biroo galmee qorannoo yakkaa cufuu fi himannaa dhiyeessuu dhiisuu wajjiin hidhata qaban sakatta’insa taasisuun ilaalamee jira.

Galmee Yakkaa Murtii A/Alangaatin Cufamuufii Bu’aa Seeraa Innii Hordoofsii Barruu Xincala Seeraa

Bu’uura Labsii lakk.214/2011, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf baheen aangoofi gahee hojii Mana Hojichaa gama qorannaa yakkaa gaggeessuu, qorannaa yakkaa hoogganuu fi Galmee qorannoo irratti bu’uura seeraatiin Murtii kennuun ifaan taa’ee jira . seera Deemsaa Falmii yakkaa biyya keenyaa jalatti gahee Abbaa Alangaa galmee qorannoo waliin walqabateee murtii kennuu akka danda’u .Akkasumaas JBAH dhimmoota yakka adda addaa irra deebiin qoratamee bahe jalattiis Gaheen abbaa Alangaa Galmee qorannaa yakkaa waliin walqabatee hojmaata ifa ta’een deeggaruun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuun Labsicha hojiirra oolchuuf taa’ee jira.

One thought on “Galmee Yakkaa Murtii A/Alangaatin Cufamuufii Bu’aa Seeraa Innii Hordoofsii Barruu Xinxala Seeraa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Layibaraarii Seeraa WAAGJ